Korporeeshiniin Manneen Federaalaa misooma manneenii fi hudhaalee jiranirratti marii paanaalii gaggeessaa jira
Finfinnee, Bitootessa 21, 2018(FMC) – Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa sababeeffachuun misooma manneenii fi hudhaalee jiranirratti marii paanaalii gaggeessaa jira.
Korporeeshiniin Manneen Federaalaa guyyaa hundeeffama isaa waggaa 50ffaa mataa duree ‘Boqonnaa Haaraan Egeree fooyya’aaf’ jedhuun qophiilee adda addaan kabajaa jira.
Mariin paanaalii kunis imala kaleessaa fi har’aa irratti xiyyeeffachuun qaamolee qooda fudhattootaa waliin gaggeeffamaa jira.
Dhaabbatichi manneen kuma 35 oliin gara hojiitti galuu Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Dhaabbatichaa Dooktar Rashaad Kamaal ibsaniiru.
Wayita dhaabbata bulchiinsa manneen kiraa turetti kaayyoo isaarraa maquun kufuuf fiixerra gahee ture jedhan.
Haalli ragaan itti gurmaa’uu fi bulu rakkoo guddaa qabaachuu dubbatan.
Kana bu’uurarraa furuuf Dhaabbata Manneen Kiraa kan ture gara Korporeeshinii Manneen Federaalaatti jijjiiruun hojiin riifoormii hojjetame bu’aa olaanaa galmeessuu kaasan.
Waggoottaan 28 as ijaarsa manneen jalqabee yeroo gabaabaa keessatti xumuruun eebbisiisaa jiraachuu himan.
Teeknooloojiiwwan ijaarsaa 3D jedhaman fayyadamuun hojii saffisaa fi qulqullina olaanaa qaban hojjechaa jiraachuu ibsan.
Hebroon Waaltaawutiin
#Oromia #Ethiopia