Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana 1ffaa bara kanaatti liqiin Birrii biliyoonni 200 fi biliyoonni 62 kenname

Finfinnee, Onkoloolessa17, 2018 (FMC) – Baatiiwwan sadan jalqabaa bara baajetaa kanatti birriin biliyoonni 200 fi biliyoonni 62 dameelee adda addaaf liqeeffamuu Ministirri Karooraa fi Dinagdee Dooktar Fitsum Asaffaa dubbatan.

Dooktar Fitsum raawwii kurmaana 1ffaa bara 2018 ilaalchisuun gabaasa dhiyeessaniin, raawwiin gama faayinaansiin baatiiwwan sadan darbanitti galmaa’e bu’a qabeessa ture jedhan.

keessumaa damicha hammataa, sirna dijiitaalaan kan deggeramee fi amansiisaa akka ta’uuf hojiiwwan hojjetaman jajjabeessaa ta’uu ibsan.

Bu’uura kanaan qabeenyi kanfamaa waliigalaa baankotaa birrii tiriiliyoona 3.73 ga’uu eeranii, yeroo walfakkaataa bara darbeen yoo madaalamu %38n caalmaa akka qabu himaniiru.

Dameelee adda addaafis liqiin birrii biliyoona 200 fi biliyoona 62 kennamuu ibsanii, kana keessaa %81 damee dhuunfaaf, %18.7 ammoo mootummaaf akka kenname eeraniiru.

Gama biraan kurmaana kana keessa sirna Dijiitaalaan kan qusatame birrii biliyoona 4.5 ga’uu ibsanii, birriin biliyoonni 11.2 liqiin kennamuus hubachiisaniiru.

Indaastiriin faayinaansii raawwii fooyya’aa akka qabaatuuf gabaan kaappitaalaa hojiitti seenuun ga’ee olaanaa akka taphataa jiru kaasaniiru.

Bittaa fi gurgurtaan baankota gidduutti geggeeffamus birrii biliyoona 200’n raawwatamuu himan.

Sharafni biyya alaa doolaarri biliyoonni 8.29 argamuu ibsanii, kana keessaa daldalli alaa %57.6 akka qabate dubbataniiru.

Gama sharafa alaan Baankiin Biyyaalessaa miliyoona 100 fi miliyoona 50 caalbaasiif kan dhiyeesse yoo ta’u, baankonni ammoo doolaara miliyolna 19.2 walitti gurguruu kaasan.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna‌‌

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.