Fana: At a Speed of Life!

Kurmaana jalqabaatti dameelee hundaan bu’aan qabatamaan galmaa’e – Dooktar Fitsuum Asaffaa

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Kurmaana jalqabaatti dameelee hundaan bu’aan qabatamaan galmaa’eera jedhan Ministirri Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsuum Asaffaan.

Dooktar Fitsuum Asaffaan raawwii karooraa guyyoota 100 Diinagdee Gooroo irratti gabaasa dhiyeessaniiru.

Gabaasa isaaniin, bara baajataa 2017 tti guddinni diinagdee Itiyoophiyaa %9.2 kana keessa qonni %7.3 %13 immoo indaastirii %7.5 damee tajaajilaa ta’uu dubbataniiru.

Bara 2018 diinagdeen Itiyoophiyaa 10.2 akka guddatu kan tilmamame ta’uu ibsuun,tilmaamichi akka milkaa’uuf hojiileen riifoormii eegalaman akka ciman eeraniiru.

Keessattuu daldala, Invastimantii, Diijitaalaayizeeshinii, Tajaajila Giddugala Tokkoo Masoob, Misooma maaddii guutuu, Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuu fi kanneen biroo cimsuun barbaachiisadha jedhan.

Galii dabaluu fi invastimantii guguddoo simachuun akkasumas tumsa damee dhuunfaafi mootummaa guddisuun oomishtummaa dabaluun barbaachiisaa ta’uus kaasaniiru.

Diinagdeen karaa fooyya’aa ta’een akka guddatuuf tilmaamuun haariroo idil Addunyaafi Tumsitootaa daldalaaf gahee olaanaa qabaachuu ibsaniiru.

Wayita amma qonnaan bultoonni qabiyyee muraasaa qaban lafa heektara miiliyoona 12.3 kilaasteraan qotaa jiraachuu eeraniiru.

Bara kana hanga ammatti lafti heektarri miiliyoonni 26.32 sanyii uwwiiffamuu ibsuun, kana keessaa lafti heektarri miiliyoonni 23.5 Oomishaaleen qonnaa, heektarri miiliyoonni 2.45 immoo oomishaalee hortikaalcheriidha jedhan.

Kurmaana jalqabaatti hojiilee damee hundaan hojjetamaniin, bu’aan galmaa’uufi imala ce’umsa caasaa diinagdee Itiyoophiyaan taasiftu kan mirkaneessan ta’uu dubbataniiru.

Malaakuu Gaddifiin.

#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.