Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti pirojektoota tajaajila hundagaleessa hawaasaaf kennan
Finfinnee, Mudde 19, 2018 (FMC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kutaa Magaalaa Lammii Kuraatti pirojektoota hawaasa naannawa Marii Looqeef tajaajila hundagaleessa kennan eebbisuun tajaajilaaf banaa taasisaniiru.
Aadde Adaanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsaniin “Finfinnee jiraattotasheef mijattuu taasisuuf hojiin eegalame cimee itti fufeera” jedhan.
Pirojektootni kunniin hariiroo hawaasummaa kan cimsan, sosochii ispoortiif dorgommiiwwaniifi haara galfiif, bakka tapha ijoolleefillee mijaawaa ta’uu eeraniiru.
Pirojektichi waliigalaan lafa hektaara 10.5 irra kan qibatee fi magaalaa qulqulleettiifi mijattuu uumuuf imala eegalameef humna dabalataa kan ta’u hojii dinqisiisaadha jedhan.
Hojiin kun kaartaawwan lafaa seeraan alaa 23 haquun tajaajila uummataaf akka oole himan.
Pirojektoonni kunneen:-
● Dirree taphaa lama, kan daa’immaniifi guddattootaaf tajaajilu.
● Kubbaa Kaachoo, Teenisaafi Kubbaa Saaphanaaf Dirreewwan tajaajila hunda-galeessaa kennan lama.
● Pilaazaafi Fincaa’aa bishaanii dhagaa uumamaan faayaman.
● Bakka magariisaa ililliin miidhagan.
● Bakka dubbisaa hayaata qaban, daandii deemsa lafoof tajaajilan.
● Bakka gabbisa sammuu daa’immanii meeshaalee taphaan guutan.
● Kaafteeriyaa ammayyaa
● Bakka dhaabbii konkolaataa 400 keessummeessu
● Konkolaattota elektiriikaaf buufata anniisaa itti guuttatan
● Manneen qulqullinaa uummataa
● Hojiilee ogummaa bobbocaafi fakkii naannawa miidhagsan
● Dargaggoota naannawa saniif carra hojii bal’aa kan bananiiddha.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.