Kutaa Magaalaa Sulultaatti Piroojektoonni garaagaraa Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaraman eebbifaman
Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Kutaa Magaalaa Sulutaatti pirojektoonni garaagaraa Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaraman guyyaa har’aa eebbifamaniiru.
Sirna eebba piroojektoota kanneeniirratti Sadarkaa Itti Aanaa Pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Baadiyyaa Obbo Addisuu Araggaa, Kantiibaa Bulchiinsa Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaafi Bulchaa Kutaa magaalichaa obbo Kumaa Hundee dabalatee hoggantoonni biroon argamaniiru.
Kantiibaan magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaa saganticharratti akka jedhanitti, magaalaa Shaggaritti piroojektoonni garaagaraa 308 Birrii biiliyoona 40 oliin ijaaramanii eebbisiifamaa jiru.
Kutaa Magaalaa Sulultaattis guyyaa har’aa piroojektoonni baajata mootummaafi hirmaannaa uummataa Birrii biiliyoona 2 oliin ijaaraman eebisiifamanii tajaajilaaf gahuu Bulchaan Kutaa Magaalichaa obbo Kumaa Hundeen ibsaniiru.
Piroojektoonni kunneen buufata fayyaa, giddugala gabaa, Istaadiyeemii fi kenneen biroo ta’uu eeran.
Gama biraan Kutaa Magaalaa Mana Abbichuutti sagantaan dhaabbii biqiltuu Kilaastara Appilii gaggeeffameera.
Toleeraa Bojaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.