Kutaaleen ‘Ismaart Kominikeeshin’ dhaabbilee 24 keessatti ijaaraman eebbifaman
Finfinnee, Caamsaa 20, 2017(FMC) – Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojii kutaalee ‘Ismaart Kominikeeshin’ dhaabbilee 24 keessatti ijaare guyyaa har’aa eebbisiise.
Kutaaleen kunneen dhaabbilee federaalaa 10, waajjiraalee pireezidaantii naannolee 12 fi waajjiraalee kantiibaa bulchiinsota magaalaa lameenitti ijaaraman.
Ministeerichi kutaalee kanneen guyyaa har’aa sa’aatii walfakkaataatti bakka ministiroonni, pireezidaantonni naannolee, kantiibonniifi qaamoleen qooda fudhattootaa argamanitti gama virchuwaaliin eebbisiiseera.
Kutaaleen kunneen baay’ina dhaabbilee tajaajila diijitaalaa kennan dabaluufi yeroo, maallaqaafi humna tajaajilamaa qusachuu keessatti gahee olaanaa qaba.
Kana malees waljijjiirraa odeeffannoo dhaabbilee bu’a qabeessa akka taasisa.
Kutaaleen Ismaart Kominikeeshinii kunneen deeggarsa Baankii Addunyaarraa argame Doolaara Miiliyoona 3 fi kuma 500 kan ijaarame yoo ta’u ijaarsi isaas waggaa tokko keessatti xumuramuu jedhame.
Maraa’ol Kadirtu gabaase.