Fana: At a Speed of Life!

Kutannoon rakkoolee Afrikaa Afrikaanotaan furmaata akka argatu taasisuu kanneen biroof fakkeenya-MDhA

Finfinnee, Guraandhala 2, 2017 (FMC)- Kutannoo fi tumsi hooggantoonni biyyoota naannawaa Afrikaa Bahaa fi Kibbaa rakkoolee Afrikaa Afrikaanotaan furmaata akka argatu taasisuurratti calaqqisiisan kanneen biroof fakkeenya ta’uu Ministeerri Dhimmi Alaa beeksise.

Hawaasni Afrikaa Bahaa fi Hawaasni Misoomaa Afrikaa Kibbaa haala waqtaawwaa Rippaabilikii Dimokiraatawaa Koongoo ilaalchisuun Taanzaaniyaa Daaresalaamitti walgahiin waloo hoggantootaa taa’aniiru.

Ministeerri Dhimmi Alaa ibsa baaseen Itiyoophiyaan bu’aalee fi murtoowwan walga’ichaa faara gaariin akka ilaaltu ibseera.

Walga’ichi milkaa’inaan akka xumuramu hooggansa Pireezidaantiin Taanzaaniyaa Dooktar Saamiyaa Suluhuu, Pireezidaantii Keeniyaa fi Dura Taa’aan Hawaasa Baha Afrikaa Dooktar Wiiliyaam Ruutoo fi Pireezidaantiin Zimbaabuwee fi Dura Taa’aan Hawaasa Afrikaa Kibbaa Emersen Minaangaaguwaa hooggansa agarsiisaniif dinqisiifatteetti.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.