Fana: At a Speed of Life!

Lafa qonnaa bal’aa naannawaa gammoojjii misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira- Obbo Addisuu Araggaa

Finfinnee, Mudde 16, 2018 (FMC) – Lafa qonnaa bal’aa naannawaa gammoojjii misoomsuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan Ministirri Ministeera Qonnaa Obbo Addisuu Araggaan.

Obbo Addisuu Araggaan Naannoo Somaalee Godina Shabalee aanaa Bara’aanoofi Godeetti hojiilee misooma qonnaa garaagaraa daawwachaa jiru.

Obbo Addisuun wayita kana naannichatti lafti heektaarri miiliyoona 10 ta’u lafa qonnaaf kan oolu ta’uu, kana keessaas lafti heektaarri miiliyoonni 2 fi kumni 300 jallisiin misoomuu kan danda’u ta’uu ibsaniiru.

Waggoottan jijjiiramaatti jallisiif xiyyeeffannoon kennamuu eeruun naannichatti yeroo ammaa laga Shebelee hojii kanaaf oolchuuf hojjetamaa jiraachuu dubbatan.

Hawaasni oomisha bal’inaan akka oomishuufi fayyadamoo akka ta’uuf qindoominaan hojjetamaa jira jedhaniiru.

Hojii misooma ruuzii, qamadii, boqqolloofi kuduraafi muduraa irratti hojjetameen jiruufi jireenya qonnaan bultootaafi gariin qonnaan bultootaa jijjiiruun akka danda’ame kaasaniiru.

Oomisha ruuzii alaa galchuuf baasiin Doolaarri miiliyoonni 200 fi miiliyoonni 45 bahaa akka ture yaadachiisanii, hojii oomishaalee bakka bu’oo guddisuuf hojjetameen ruuziin lafa heektaara miiliyoona 1 fi kuma 600 ol irratti misoomaa jiraachuu himaniiru.

Kanaraas callaan kuntaalli miiliyoonni 80 kan eegamu ta’uu ibsaniiru.

Adeemsa hojii kana keessatti carraan hojii bal’aan uumamuu kaasanii, hojiin kun galma akka biyyaatti birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf qabame kan mirkaneessu ta’uus eeraniiru.

Taammiraat Dalaliitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.