Lakkoofsi galmooftoota eenyummeessaa diijitaalaa miiliyoona 33 qaqqabe
Finfinnee, Amajjii 22, 2018 (FMC) – Lakkoofsi galmooftoota eenyummeessaa diijitaalaa miiliyoona 33 qaqqabe jedhe Sagantaan Eenyummeessaa Biyyaaleessa Itiyoophiyaa.
Eenyummeessaan diijitaalaa tajaajiloota garaagaraa saffisiisuu keessatti qooda olaanaa qaba jedhan Daayrekterri qooda fudhattootaa fi hariiroo Ummataa Eenyummeessaa Biyyaaleessaa Saamiinaas Sayifuun.
Yeroo ammaa namoonni miiliyoonni 33 waraqicha fudhachuuf galmaa’uu himan.
Maashinoonni galmees kuma 7 gahuu kan ibsan obbo Saamiinaas, yeroo itti aanus hojiileen damichaan hojjetaman cimanii itti fufu jedhan.
Hojiin faayidaa lakkoofsa herreega baankii waliin walitti hidhuus hojjetamaa jiraachuu ibsan.
Yoonaas Geetinnatiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.