Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi herreega Baankii namoota seeran ala sharafa alaa raawwachuun shakkamanii 123 uggurame

Finfinnee, Fulbaana 9, 2018(FMC) – Lakkoofsi herreega Baankii namoota seeran ala sharafa alaa raawwachuun shakkamanii 123 uggurameera jedhe Tajaajilli Nageenya Faayinaansii.

Sosochiin maallaqa shakkamtoota kanneenii dhorkamuun adeemsa gaafatamummaa seeraa mirkaneessuf ta’uu Tajaajilli Nageenya Faayinaansii himeera.

Fooyyessa Diinagdee Gooroo hordofee namootni hedduun karaa seeraan tajaajila sharafa alaa kennaa jiraachuu eerun, haa ta’uutii, qaamoleen tokko tokko karaa seeraan alaa sharafa alaa raawwachuuf sochii taasisaa jiraachuu hime.

Ogeeyyin baankii tokko tokko gochicha keessatti hirmaachaa jiraachuu hordoffii taasifameen mirkanaa’uu eeree jira.

Qaamolee kanneen irratti tarkaanfin seeraa akka fudhatamu xiyyeeffannoo addaan hojjetamaa jiraachuu tajaajilichi eeruu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.