Fana: At a Speed of Life!

Lakkoofsi namoota balaa lolaa Teeksaasin du’anii  82 qaqqabe

Finfinnee, Waxabajjii 30, 2017 (FMC) – Lakkoofsi namoota balaa lolaa Ameerikaa bulchiinsa Teeksaasitti mudateen du’anii  82 qaqqabeera.

Namoota lubbuun darban keessaa 28 daa’imman ta’uun ibsameera.

Balichaan namoonni hedduunis achi buuteen isaanii dhabamuufi hojiin lubbuu baraaruu itti fufuu aanga’oonni bulchiinsichaa eeraniiru.

Akka Tajaajilli Raaga Haala Qilleensaa biyyattii beeksisetti, bakkeewwan giddugaleessa bulchiinsa Teeksaasitti hangi roobaa olaanaan ni eegama.

Kana hordofee sa’aatiiwwan itti aananitti balaan lolaa walfakkaataan mudachuu akka danda’u tajaajilichi akeekkachiisuu CNN gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.