Lakkooftuuwwan ismaartii kuma 500 ol mamlilootaaf dhaabamuuf – Tajaajilicha
Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Tajaajilli Elektirikii Itiyoophiyaa bara baajetaa kanatti lakkooftuuwwan ismaartii kaffaltii duraa kuma 500 ol maamilootaaf galchuuf karoorfadhee hojjechaan jira jedhe.
Ittigaafatamtuun pirojeektii eegumsa galii fi kaffaltii duraa (Revenue Protection and Unified prepaid project) Tajaajilichaa Lamlam Baasaazzinaw, lakkooftuun ismaartii kaffaltii duraa maamiltoonni bakkuma jiran irraa bilbila harkaa fayyadamuun humna bitachuu fi ittifayyadama isaanii hordofachuuf dandeessisa jedhan.
Dabalataanis komiiwwan kaffaltiin walqabatee ka’an akka hiiku dubbataniiru.
Hanga ammaattis magaalaa Finfinneetti maamiltoita duraanii kuma 6 fi 500 fi maamiloota haaraa kuma 3 fi 500’f lakkooftii ismaartii kaffaltii duraa galchuufii eeraniiru.
Lakkooftuuwwan ismaartii abbaa feesii sadi’ii kuma 100 fi kuma 25 fi abbaa feesii tokkoo kuma 300 fi kuma 75, walumaagalatti kuma 500 gara biyyaa galchuu dubbatanii, lakkooftuuwwan kunniin bara baajetaa kanatti akka galfaman dubbataniiru.
Lakkooftuu ismaartii kaffaltii duraa kenniinsa tajaajilaa irratti jijjiirama guddaa fidu kana babal’isuuf lakkooftuuwwan dabalataa kuma 100 fi kuma 20 gara biyya keessaa galchuuf ajajuus eeraniiru.
Masaafinti Iyyaayyuutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.