Fana: At a Speed of Life!

Lammiilee miiliyoona 15’f  eenyummeessaan diijitaalaa “Faayidaa” kenname

Finfinnee, Caamsaa 12, 2017(FMC) – Lammiilee miiliyoona 15’f  eenyummeessaan diijitaalaa “Faayidaa” kennamuu Sagantaan Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa ibse.

Yaa’iin waggaa “ID for Africa-2025” Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Daayrektarri Olaanaan Sagantaa Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa Itiyoophiyaa Yoodaahee Zamikaa’el haasawaa yaa’icharratti taasisaniin, hojiirra oolmaan “Faayidaa” imala diijitaalaayizeeshinii Itiyoophiyaaf murteessaa kan ta’e ijaarsa bu’uuraalee misoomaa diijitaalaa irratti kan xiyyeeffatu ta’uu ibsan.

Hoggansi siyaasaa murannoo qabu jiraachuun sirna odeeffannoo biyya keessaa uumuun, ogeeyyii gahoomsuun fi dhaabbilee garaagaraan hojiileen tumsaan hojjetaman bu’aan akka argamuuf gahee olaanaa bahachuu eeraniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad Sagantaan Waraqaa Eenyummeessaa Biyyaalessaa ajandaa misoomaa biyyaalessaaf murteessaa waan ta’eef xiyyeeffannoo itti kennuun deeggarsa taasisaa akka turan Daayriktarichi kaasaniiru.

Yaa’ii “ID for Africa-2025” kanarratti biyyoota 100 irraa hirmaattonni kumni 2 ol ni hirmaatu jedhameera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.