Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen balaa Lolaa fi Sigiga lafaaf saaxilamoo ta’an of eeggannoo akka taasisan gaafatame

Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Pireezidaantiin Naannoo Kibba Itiyoophiyaa obbo Xilahuun Kabbadaan jiraattonni naannawaa balaa lolaa fi sigiga lafaaf saaxilamoo ta’an jiraatan of eeggannoo barbaachisu akka taasisan gaafatan.

Pireezidaanti Xilahuun Kabbadaan, Godina Gaamootti rooba cimaa roobuu hordofee balaa lolaa fi sigiga lafaa mudateen lubbuun namoota 30 darbuu ibsan.

Godinichatti yeroo itti aanus balaan lolaa fi sigigni lafaa cimaan muudachuu akka danda’u ibsan.

Sababa kanaan lammiileen naannawaa balaa lolaa fi sigiga lafaaf saaxilamoo ta’an keessa jiraatan of eeggannoo barbaachisu akka taasisan waamicha dhiyeessan obbo Xilahuun.

Maatii fi firoottan Lammiilee balaa kanaan lubbuu isaanii dhabaniif jajjabina hawwaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.