Lammiileen biyya alaa yeroo viizaa isaanii dabarsan kumni 36 adabaman
Finfinnee, Onkoloolessa 13, 2018 (FMC)- Lammiileen biyya alaa yeroo viisaa isaaniif kenname dabarsan kumni 36 ol adabamuun seera qabeessaa ta’aniiru jedhe Tajaajilli Immigireeshiniifi Lammummaa.
Daayrektarri Olaantuun Tajaajilichaa Salaamaawwit Daawwit Faanaa Miidiyaa Korporeeshiniitti akka himanitti, lammiileen biyyoota garaagaraa gara Itiyoophiyaa dhufan seera kabajuun akka socho’aniif hojjetamaa jira.
Hojii riifoormii damee Kanaan hojjetameen dandeettiin biyyaalessaa cimuu eeruun, keessummoonni yaa’iiwwan idil-addunyaafi ardii magaalaa Finfinneetti gaggeeffame irratti hirmaatan rakkoo tokko malee keesummeeffamuu akka fakkeenyaatti kaasaniiru.
Tajaajila Viizaan biyyoonni 188 fayyadamtoota viizaa gahumsaa( On Arrival Visa) ta’uu fi kunis tajaajila viizaa elektirooniksii sa’aatii 24 kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Tajaajila Paaspoortiin walqabatee tarkaanfiiwwan sirreeffamaa garaagaraa fudhatamuu kaasanii, namoonni gocha seeraan alaa keessatti hirmaatan 26 seeraan gaafachiifamuu dubbataniiru.
Bara baajataa kanatti namoota miiliyoona 4’f paaspoortii kennuuf qophiin taasifamuus himaniiru.
Ashannaafii Shibbiruutu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.