Lammiileen gatii madaalawaan mana akka argataniif hojiin hojjetamu jabaatee itti fufa – Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Sadaasa 10, 2018(FMC) – Sagantaa misooma manneeniin jiraattotni magaalaa sadarkaa jireenyaa gadi aanaa irra jiran gatii madaalawaan mana akka argataniif hojiin hojjetamu jabaatee itti fufa jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaa.
Ministirichi sagantaa cufiinsa fooramii magaalota Itiyoophiyaa 10ffaa irratti akka dubbatanitti, magaalonni imala Badhaadhinaa eegalame milkeessuu keessatti ga’ee isaanii akka ba’aniif ergamni guddaan kennameeraaf.
Imala badhaadhinaa cimsanii itti fufsiisuun sirna fayyadamummaa lammiilee haqa qabeessa mirkaneessu ijaaruuf dameelee misoomaa hundaan itti duulamaa akka jirus kaasan.
Hammattoowwan seeraa hojicha qajeelchuuf gargaaran bocamanii hojiirra oolaa akka jiran fi bu’aaleenis argamuu akka eegalan dubbataniiru.
Hojimaanni qindaawaa federaala, naannoolee fi magaalota gidduu jiru haala gaariin fooyya’aa akka dhufes dubbataniiru.
Fooramichi magaalonni fi tumsitoonni isaanii hojiiwwan misoomaa fi bulchiinsa gaarii isaanii beeksisuun beekamtii akka argatanii fi muuxannoo akka wal jijiiraniif ga’een isaa olaanaa dha jedhan.
Hariiroon dorgommii fayyaalessi gidduu isaanii akka jiraatu gochuun imala badhaadhinaa Itiyoophiyaaf faayidaa guddaa akka qabus ibsan.
Magaalonni filannoowwan galii qaban sirriitti adda baasuu fi walitti qabuun gaaffii misoomaa hawaasaa akka deebisaniif jabaatanii hojjechuun akka irraa eegamus dubbataniiru.
Sagantaa misooma manneenii hanqina mana jireenyaa furuuf karoorfameen jiraattonni magaalaa sadarkaa jireenya gadi aanaa irra jiran tattaaffii isaanii cinatti deggersa mootummaa madaalawaa ta’een mana akka argataniif xiyyeeffannaan hojjetamas jedhan.
#Oromia #Ethiopia