Lammiileen Miiliyoona 28 Ol Filannoof Galmaa’aniiru
Finfinnee, Bitootessa 19, 2018 (FMC) – Filannoo waliigalaa 7ffaa irratti hirmaachuuf lammiileen miiliyoona 28 ol ta’an galmaa’uu Boordiin Filannoo Biyyaalessa Itoophiyaa beeksise.
Hojiin galmeessa filattootaa Gurraandhala 28, 2018 irraa jalqabee karaalee Diijiitaalaa fi Maanuwaaliin (harkaan) raawwatamaa jira.
Haala adeemsa galmeessa filattootaa ilaalchisee odeeffannoo Boordichi baaseen; guyyaa galmeessi jalqabame irraa kaasee hanga ammaatti filattoonni miliyoonni 28 fi kumni 300 fi kumni 6 fi 310 galmaa’aniiru.
Lammiilee filannoodhaaf galmaa’an keessaa miliyoonni 13 fi kumni 47 fi 743 dubartoota yoo ta’an; miliyoonni 15fi kumni 300 fi kumni 17 fi 57 ammoo dhiirota.
#Oromia #Ethiopia