Fana: At a Speed of Life!

Lammiileen miiliyoonni 30.2 fayyadamoo Inshuraansii fayyaa ta’an

Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) – Caffeen Oromiyaa yaa’ii idilee 9ffaa waggaa 4ffaa bara hojii 6ffaa magaalaa Adaamaa Galma Caffeetti gaggeessaa jira.

Lammiileen miiliyoonni 30.2 fayyadamoo Inshuraansii fayyaa ta’an jedhan Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan gabaasa raawwii hojii 2017 Caffeef dhiyeessaniin.

Mootummaan naannichaa wabii fayyaa ummataa mirkaneessuuf tajaajila Inshuraansii fayyaa lammii hundaan ga’uuf hojjechaa jiraachuu kaasan.

Bara baajatichaa Inshuraansii fayyaarraa Birriin biiliyoonni 6.6 sassaabamuu ibsan.

Akkasumas Carraa barnootaa babal’isuufis hojiiwwan xiyyeeffannoon hojjetamaniin bara 2017tti hirmaannaan barattoota Buuura Boruu miiliyoona 2, barattoonni sadarkaa 1ffaa miiliiyoona 8.9 fi barattoonni sadarkaa 2ffaa miiliyoona1 qaqqabu eeran.

Galma gahinsa qulqullina barnootaa mirkaneessuuf hojiiwwan hojjatamaniin, dubbisuu fi barreessuu barattoota kutaa 1-4 gaggeeffameen barattootni miiliyoona 2.3 dubbisuu kan danda’uu himan.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.