Lammiileen miiliyoonni 63 ol fayyadamoo Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’an
Finfinnee, Amajjii 28, 2018 (FMC) – Itiyoophiyaatti Lammiileen miiliyoonni 63 ol fayyadamoo Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’an jedhe Tajaajilli Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa.
Naannolee hundaa fi bulchiinsa magaaloota lama keessatti Lammiileen miiliyoonni 63ol fayyadamoo Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uu ibsan Daayrekterri Itti Aantuun tajaajilichaa Aadde Amroot Andu’aalem.
Bara darbe Birrii biiliyoonni 19 miseensotarraa sassaabamuu dubbatan.
Akkasuma kutaaleen hawaasaa harka qalleeyyiiN miiliyoonnii 17 ta’aniif maallaqa mootummaan ramade Birrii biiliyyoona 7 n miseensa tajaajilachaa ta’uu ibsan.
Oromiyaatti ammoo lammiileen miiliyoonni 25 ol fayyadamoo Tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa ta’uu Hoggantuu Itti Aantuun Biiroo Fayyaa Oromiyaa Tigist Tafariin eeraniiru.
Dabalataan komii dhiheessi qorichaan walqabatee miseensootni kaasaan furuuf manneen qorichaa hawaasaa 600 banamanii tajaajila kennaa jiraachuu himan.
Mariin biyyaalessaa tajaajila Inshuraansii Fayyaa Hawaasaa irratti xiyyeeffate magaalaa Jimmaatti gaggeeffamaa jira.
Amiinaa Abdallaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.