Fana: At a Speed of Life!

Leenjiin hoggantoota olaanoo dhaabbilee federaalaa eegale

Finfinnee, Hagayya 14, 2017(FMC)- Leenjiin hoggantoota olaanoo dhaabbilee federaalaa guyyaa har’aa Finfinneetti kennamuu eegaleera.

Leenjichi mata duree “ Gara Biyya Fakkeenyummaa Qabduutti: Mul’ata Ce’aan, Kutannoo Olaanaan, Egeree Amansiisaan Hojjechuu” jedhuun kan gaggeeffamu yoo ta’u, dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa, naannawaafi idil-addunyaarratti kan xiyyeeffatedha.

Leenjiin kun milkaa’inoota raawwii hojii misoomaafi bulchiinsa gaarii hanga ammaatti galmaa’an, kallattii fuula duraafi karoora bara baajataa 2018 irratti xiyyeeffachuu qindeessitoonni gurmaa’iinsa paartii dhaabbilee federaalaa ibsaniiru.

Dabalataanis leenjiin hoggantoota olaanoo dhaabbilee federaalaa dhimmoota waqtaawaa biyyaalessaa, naannawaafi idil-addunyaarratti xiyyeeffate guyyoota afuriif kan kennamu ta’uu Paartiin Badhaadhinaa beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.