Leenjiin Kooderootaa ogummaa diijitaalaa guddisuun invastimantiin dabalataa akka babal’atu taasisa jedhame
Finfinnee, Ebla 26, 2017 (FMC) – Leenjiin Kooderoota Itiyoophiyaanota miiliyoona 5 ogummaa diijitaalaa guddisuun damichaan invastimantiin akka babal’atu kan taasisu ta’uu Ministeerri Innooveeshiniifi Teeknooloojii beeksise.
Ministir Deetaan Ministeera Innooveeshiniifi Teeknooloojii Dooktar Yishuruun Alamaayyoon, diijitaala Itiyoophiyaa ijaaruuf sirnaafi bu’uuraalee misoomaa dabalataan hawaasni ogummaa diijitaalaa qabu barbaachisaa ta’uu ibsan.
Hojjettoonni mootummaa leenjicha fudhatan bu’a qabeessummaa hojii isaaniif isaan fayyaduu eeruun, warreen carraa hojii haaraa uumanis jiraachuu kaasaniiru.
Ogummaa diijitaalaa guddisuun damichaan invastimantiin dabalataa biyya keessaa fi alaa akka uumu ibsuusaanii TOI gabaaseera.
Leenjiin sagantichaan kennamu ogummaa diijitaalaa dabalataan ogummaawwan beekumsa bu’uureffataniifi murtoo sababaawoo kennuu dandeessisan kan irraa argamu ta’uus dubbataniiru.
Leenjiin Koodaroota Itiyoophiyaanota miiliyoona 5 Ministira Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadiin Adoolessa 2016 ifoomuun ni yaadatama.
#Oromia #Ethiopia