Leenjistoota olaanoofi qindeessitoota naannoo filannoo filannoo biyyaalessaa 7ffaaf leenjiin kenname
Finfinnee, Mudde 24, 2018 (FMC) – Boordiin Filannoo Biyyaalessaa leenjistoota olaanoofi qindeessitoota naannoo filannoo, filannoo biyyaalessaa marsaa 7ffaaf leenjii kenneera.
Boordichi filannoo biyyaalessaa 7ffaa Caamsaa 24, 2018 gaggeeffamuuf hojiilee filannoon duraa hojjechaa jira.
Haaluma Kanaan Boordichi Mudde 21-22, 2018tti leenjistoota olaanoo fi qindeessitoota naannoo filannoof leenjii kennuu ibseera.
Walitti qabduun Boordichaa Meelaatiwarq Hayiluu akka jedhanitti, leenjichi bu’aa qabeessa kan ta’u odeeffannoon leenjitoota sadarkaan jiran bira haalaan yoo gahedha.
Leenjichi hojiilee filannoon duraa keessaa tokko ta’uu kaasanii, Boordichi leenjiichaan dura hojiilee filannoon duraa hojjete ilaalchisuun ibsa kenneera.
Hogganaan Kutaa Hojii Leenjii Boordichaa Mallisaw Kibrat gama isaaniin, leenjichi guyyoottan itti aananitti sadarkaa sadarkaan giddugaloota 22 keessatti kan kennaman ta’uu hubachiisaniiru.
Leenjichi leenjistoota filannoo biyyaalessaa marsaa 6ffaan raawwii fooyya’aa galmeessaniifi ogeeyyii waajjiraalee damee Boordichaa kan hammatu ta’uu Boordichi Faanaa Diijitaaliif ibseera.
Leenjiin kun qajeeltoowwaniifi yaadama filannoo, amaloota bulchiinsa filannoo Itiyoophiyaa, haala hundeeffama akkasumas aangoofi hojiilee waajjiraalee naannoo filannoo, filannoofi adeemsa qacarrii raawwachiistota buufataalee filannoo fi amaloota galmee filannoo hammataa ta’ee kan of keessatti hammatu ta’uun ibsameera.
Dabalataanis tooftaalee iyyannoofi komii hiikuu, adeemsa sagalee kennuu hanga bu’aa ibsuutti jiru maal akka fakkaatu leenjichaan ilaalamuun eerameera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.