Liiverpuul deeggartoota waliin injifannoo isaa kabajaa jira
Finfinnee, Caamsaa 18, 2017(FMC) – Liiverpuul injifannoo Piriimeer Liigii bara 2024/25 deeggartoota isaa waliin kabajaa jira.
Daandiwwanirra naanna’uu waancaa Piriimeer Liigii yeroo 20ffaaf fudhate kabajuurratti argama.
Waggaa shan dura shaampiyoonaa Piriimeer Liigichaa ta’us sababa Kooviid – 19’n deeggartoota isaa waliin osoo hin kabajiin hafuun kan yaadatamuudha.
Liiverpuul taphoota Piriimeer Liigii Ingiliiz bara kanaarratti taphoota 38 taphateen qabxii 84 walitti qabachuun shaampiyoonaa ta’eera.
#Oromia #Ethiopia