Lolaa Sudaan keessatti mudate hidha haaromsaan walqabsiisuun himannaan dhiyaate bu’uura hin qabu – Itiyoophiyaa
Finfinnee, Fulbaana 24, 2018(FMC) –Balaa lolaa Sudaan keessatti mudate hidha haaromsaan walqabsiisuun himannaan dhiyaate himannaa bu’uura hin qabne ta’uu Itiyoophiyaan ibste.
Ijipti tibbana gama Ministeera Bishaanii fi Jallisiin ibsa baafteen, Balaan Lolaa Sudaanitti mudate rakkoo bulchiinsa Hidha Haaromsaan walqabatee mudate jechuun himannaa dhiyeessiteerti.
Ministeerri Bishaanii fi Inarjii Itiyoophiyaa gama isaan, Himanni Ijipti dhiyeessite himannaa bu’uura hin qabne, dhugaarraa kan fagaate jechuun ibseera.
Ijaaramuun hidhichaa balaa lolaa mudachuu malu caalmaatti kan hir’ise ta’uu hubachiiseera.
Ityiyoophiyaan Hidhalee madda anniisaa ijaaruu fi yaa’awwan bishaanii sirnaan bulchuu muuxxannoo olaanaa qabaachuu himuun, ijaaramuun Hidha Guddicha Haaromsaa Itiyoophiyaas balaa lolaa Ijiptii fi Sudaan mudachuu malu daraan hir’isuu ibseera.
Hidhichi hamma Bishaan Yaa’uu madaalawaa taasisuun, balaa lolaa Sudaanii fi biyyoota yaa’a gadiirra gahuuf danda’u hir’isuu keessatti qooda olaanaa bahachuu yaadachiiseera.
Ibsi Ijipti baafte himannaa dhugaarraa fagaatee fi maqa balleessii ta’uu eereera.
Itiyoophiyaan himaticha guutummaatti kan hin fudhanne akka ta’e ministeerichi mirkaneesseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.