Lolaan waqtii gannaa irra deddeebiin mudatu yaaddoo guddaa nutti ta’e – Jiraattoota Kutaa Magaalaa Sulultaa
Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Lolaan waqtii gannaa irra deddeebiin mudatu yaaddoo guddaa nutti ta’e jedhan jiraattoonni Kutaa Magaalaa Sulultaa.
Bara baraan hanguma ganni dhufu lolaan mudatu furmaata dhabuun daraan nu yaaddesse jedhan jiraattoonni kutaa magaalichaa.
Rooba cimaa guyyaa har’aa roobe hordofee lolaan mudate qabeenyarra miidhaa qaqqabsuu dubbatan.
Boo’iin lolaa daraan dhiphaa ta’uu isaan lolaan daandii Aspaaltirra bahuun sosochii Tiraafikaallee danquu kaasan.
Lolaan har’a mudate manneen jireenyaa fi dhaabbilee seenuun miidhaa qaqqabsiisuu ibsan.
Haala teessuma lafaa kutaa magaalichaarran ka’e bishaan kan heddumatu ta’uu fi balaa lolaa mudachuu malu dursaanii ittisuuf hojiin hojjetamaa turus humnaa ol ta’uun miidhaa qaqqabsiisaa jira jedhan Bulchituu Itti Aantuun Kutaa magaalaa Sulultaa aadda Waaziraa Jamaal.
Balaan har’a mudate kutaa magaalichaa aanaa Abbaa Gadaa bakka Kattaa Lukkuu jedhamutti miidhaa qaqqabsiisuu eeran.
Rakkoo kana waaraan furuuf qorannoo gaggeeffame bu’uura godhachuun baajanni qabamee hojiitti galamuuf hojjetamaa akka jiru aadde Wariizaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Keessattuu misoomni koriidarii hojjetamuuf jiru rakkichaaf furmaata waaraa akka ta’utti karoorfamuu kaasan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia#Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.