Fana: At a Speed of Life!

Loojiifi Qe’een Ikkoo Tuurizimii Wancii- Dandii bakka dinqisiisaa qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu mul’isedha- Ogeeyyii miidiyaa

Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)- Hoggantoonniifi ogeeyyiin miidiyaa Loojiifi Qe’een Ikkoo Tuurizimii Wancii- Dandii bakka dinqisiisaa qabeenya tuurizimii Itiyoophiyaan qabdu mul’isedha jedhan.

Ogeeyyiin miidiyaa Qe’ee Ikkoo Turiizimii Wancii-Dandii daawwataniiru.

Loojiifi Qe’een Ikkoo Tuurizimii Wancii- Dandii iddoo addaa uumama, seenaa, hambaafi aadaa bakka tokkotti  hammate ta’uu ogeeyyiin kunneen ragaa bahaniiru.

Qe’een kun hojii qabeenya uumamaa biyyi qabdu haalaan misoomsuu, eeguufi tursiisuu ifatti kan mul’ise ta’uu ibsuun, bakka gahumsa tuurizimii dinqisiisaa akka ta’e kaasaniiru.

Bakkeewwan gahumsa tuurizimii akka kanaa beeksisuurratti ogeeyyiin miidiyaa xiyyeeffannoon hojjechuu akka qaban hubachiisaniiru.

Hojii mootummaan bakkeewwan qabeenya uumamaan badhaadhan adda baasuun misoomsaa jiru jajjabeessaafi cimee itti fufuu akka qabu ibsuusaanii TOI gabaaseera.

Hojiileen kunneen tuurizimii biyyattii guddisuu keessatti gahee olaanaa kan qaban ta’uufi ogeeyyiin miidiyaa bakkeewwan gahumsa tuurizimii beeksisuu keessatti gahee isaanii kan bahatan ta’uus mirkaneessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.