Lubbuu du’arraa baraaramte
Finfinnee, Waxabajjii 5, 2017 (FMC) – Dhalatan Hindii lammumman isaa Ingiliz ta’e Viishvaash Kumaar Raameesh balaa xyaaraa har’a Hinditti mudate irraa hafuun isaa ajaa’iba jedhamaa jira.
Viishvaash Kumaar Raameesh Ingiliz irraa maatii isaa gaafachuuf gara Hindi akka dhufe dubbata.
Haa ta’u malee gara Landanitti utuu deebi’aa jiruu balaan xiyyaaraa suukanneessaan mudachuu,garuu diddaa jala taa’uun isaa lubbuun isaa balaa kana irraa hafuuf sababa akka ta’e dubbata.
“Hindustan Times” tti akka ibsetti xiyyaarichi buufata xiyyaaraa Ahimadaabaad irraa erga ka’ee daqiiqaa 30 booda sagalee guddaa dhaga’uu jalqabuu isaa fi wayituma sana kufee caccabuu isaa dubbateera.
“Erga xiyyaarichi kufee of wal’aaleen ture, garuu wayita of baru reeffa namoota du’anii of cinatti argeen ka’ee fiige,” jedheera.
Balaa kanaan qaamni isaa hanga tokko yoo miidhames namoonni wayituma sana qaqqabanii gara hospiitaalaatti akka geessanii fi yaalamaa jiraachuu isaas ibseera.
Balaa xiyyaaraa kanaan reeffi namoota 204 kan argame yoo ta’u, kan warra hafanii ammas barbaadamaa jira.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.