Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Adaamaatti ijaarsi pirojektii dhabamsiisa balfaa eegale

‎Finfinnee, Mudde 23, 2018 (FMC) – Bulchiinsa Magaalaa Adaamaatti ijaarsi pirojektii dhabamsiisa balfa dhangala’aa Birrii biiliyoona 1.9 ijaaramu eegaleera.

Pirojektichi liiqii Baankii Addunyarraa argame Birrii biiliyoona1.9‘n kan ijaaramu ta’uu Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.

Wayita Ijaarsi isaa xumuramu guyyaatti balfa dhangala’aa liitira kuma 400 hanga kuma 950tti qulqulleessuu kan danda’u ta’uu Injiinar Miiliyoon kaasaniiru.

Akkasumas namoota miiliyoona tokkoof tajaajila kennuu kan danda’uudha jedhan.

Pirojektichi lafa heektaara 22 irratti kan ijaaramu yoo ta’u, waggoota 20’f tajaajila kan kennudha.

Sagantaa eegalchiisa Ijaarsa Pirojeektii dhabamsiisa balfa dhangala’aa kanarratti Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Injiinar Haabtaamuu Ittafaa, Hoggantuun Biiroo Bishaanii fi Inarjii Oromiyaa Injiinar Miiliyoon Baqqalaa, Kantiibaa Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldee fi hoggantonni biroon argamaniiru.

Tsahaay Gulummaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.