Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dabra Birhaanitti haati tokko daa’imman afur ofkalte

Finfinnee, Waxabajjii 17, 2017 (FMC)- Yuuniivarsiitii Dabra Birhaan Hospitaala Hakiima Gizaawutti haati tokko si’a tokkotti daa’imman afur ofkalte.

Hospitaalichatti ogeessi fayyaa gadameessaafi ulfaa Dooktar Addisuu Girmaa akka jedhanitti, haadhi umuriin ishee waggaa 38 ta’e deeggarsa ogeeyyiin fayyaa taasisaniifiin daa’imman afur nagaan ofkalteetti.

Daa’imman hundi fayyummaa gaariirra kan jiran ta’uufi daa’imman kunneen ulfaatina kiiloogiraama 1.3 hanga 1.6 qabaachuu eeran.

Haati kun Kanaan dura yeroo garaagaraatti ijoollee dhiiraa afuriifi dubaraa lama kan dahan yoo ta’u, yeroo ammaa si’a tokkotti ijoollee afur dahuu isaaniitti gammaduu ibsaniiru.

Tola ooltonni deeggarsa ijoollee isaanii ittiin guddifachuu danda’an akka taasisaniifis gaafataniiru.

Salaam Asaffaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.