Magaalaa Dirre Dawaa fi magaalaan Adaamaa qixa ba’an
Finfinnee, Mudde 12,2018(FMC) – Tapha Piriimiyar Liigii CBE Itiyoophiyaa torbee 10ffaan Magaalaan Adaamaa fi Magaalaan Dirre Dawaa 1 – 1 qixa ba’an.
Guyyaa sa’aatii 7:00 irratti Istaadiyeemii Finfinneetti tapha taphatameen Yaareed Taaddasaa Dirre Dawaaf akkasumas Nabiil Nuurii magaalaa Adaamaaf galchii lakkoofsisaniiru.
Taphoonni Liigichaa itti fufuun sa’aatii 10:00 irratti Istaadiyeemii Finfinneetti Machaal Itiyoo Elektirik waliin, Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Saayinsi fi Tekinolojii Adaamaatti ammoo Bunni Sidaamaa Qiddus Giyoorgis Waliin ni falmatu.
#Oromia #Adaamaa