Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Dirre Dhawaatti sosochiin “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” bu’aa jajjabeessaa argamsiiseera- Obbo Adam Faaraah

Finfinnee, Adoolessa 9, 2017(FMC)- Magaalaa Dirre Dhawaatti sosochiin “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuu” bu’aa jajjabeessaa argamsiiseera jedhan Itti aanaan Pireezidaantii Paartii Badhaadhinaa Obbo Adam Faaraah.

Obbo Adam Faaraah dabalatee hoggantoonni Waajjira Muummee, Waajjiraalee Damee Naannoleefi Bulchiinsota Magaalaa Paartii Badhaadhinaa hojiilee misoomaa magaalaa Dirre Dhawaa daawwataniiru.

Hoggantoonni kunneen Warshaa Dirree Istiil, Manneen Waliin Jireenyaa, mana kitaabaa gurgurtaa kitaabaa Dhaloota Ida’amuun ijaarame, misooma kooriidarii, Istaadiyeemii Idil-addunyaa Dirre Dhawaafi hojiilee misoomaa biroo daawwatan.

Obbo Adam Faaraah wayita kana akka jedhanitti, hojiileen misoomaa gurguddoon  magaalichatti dameewwan hundaan hojjetaman faayidaa diinagdee, hawaasummaafi siyaasaa olaanaa qabu.

Magaalichatti sosochii “Itiyoophiyaan Haa Oomishtuun”  indaastriiwwan gurguddoo keessatti bu’aan galmaa’uu eeran.

Oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun sharafa alaa hambisuun akka danda’ameefi lammiileef carraan hojii bal’aan uumamuu akka danda’es kaasaniiru.

Giddugalli Konveenshinii magaalichatti ijaaramaa jiru magaalicha giddugala tuurizimii taasisuuf gahee olaanaa qabaachuu hubachiisaniiru.

Hanqina manneen jireenyaa maqsuuf hojiin bulchiinsa magaalichaan haala baasii qusatuun hojjetame fakkeenya kan ta’udhas jedhan.

Magaalichi gama misoomaafi nageenyaan hojii fakkeenyummaa qabu hojjete cimsee akka itti fufu hubachiisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.