Magaalaa Hararitti Laaboraatooriin Birrii miiliyoona 96 ‘n ijaarame tajaajila eegale
Finfinnee, Hagayya 7, 2017 (FMC) – Laaboraatooriin magaalaa Hararitti Birrii miiliyoona 96’n ijaarame eebbifamee tajaajila eegaleera.
sirna eebbicharratti Pireezidaantiin Naannichaa obbo Ordiin Badirii fi Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa dabalatee hoggantoonni biroo argamaniiru.
Pireezidaantiin Naannichao Ordin Badrii, Naannichi dhaqqabummaa fi qulqullina damee fayyaa guddisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira jedhan.
Laaboraatooriin kun sadarkaa tajaajila fayyaa guddisuun Naannichaan alattis hawaasa naannawaa kan fayyadu ta’uu ibsaniiru.
Humna isaa guutuun tajaajila akka kennuufis hordoffii fi deeggarsi ni taasifama jedhan.
Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaa gama isaaniin waggoottan torban darbanitti laaboraatooriiwwan 28 ijaaramanii tajaajila kennaa akka jiran eeranii, qorannoo ulfaatoo gaggeessuun dandeettii damee fayyaa cimsuuf gahee olaanaa ba’achaa akka jiran ibsaniiru.
Itti gaafatamaan Biiroo Fayyaa Naannichaa Dooktar Abdii Amiin ammoo, laaboraatoorichi rakkoo deddeebii fi baasii kanaan dura lammiileee tajaajila barbaadan mudachaa ture kan hambisu ta’uu dubbatan.
Laaboraatooriin sadarkaa naannoo tumsa Ministeera Fayyaa fi Biiroo Fayyaa naannichaan ijaarame kun dandeettii qorannoo guddisuun damee fayyaa naannichaa cimsuuf kan gargaaru ta’uunis ibsameera.
Tasfaayee Haayiluutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok:
https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.