Magaalaa Hoolataatti piroojektoonni garaagaraa Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 50 hojjetaman eebbifaman
Finfinnee, Waxabajjii 27, 2017 (FMC) – Magaalaa Hoolataatti piroojektoonni garaagaraa Birrii miiliyoona 300 fi miiliyoona 50’n hojjetaman eebbifamaniiru.
Eebba piroojektii kanaarratti kan argamaan Pireezidaantii Itti aanaan Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Awwaluu Abdiin, Mootummaan Naannoo Oromiyaa naageenya, misooma magaalaa fi Piroojektootaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jira jedhan.
Magaalaan Hoolataa adda dureen hojiilee kanneen hojjechaa jiraachuu kaasanii, magaalaa midhaan bittee nyaattu osoo hin taane magaalaa oomishtee magaalota biraaf raabsaa jirtu ta’uu ibsan.
Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Hoolataa obbo Isheetuu Baqqalaan gamasaaniin, piroojektoonni kunneen komii hawaasaa kan furaniifi fayyadamummaa hawaasaa giddugala kan taasifatan ta’uu eeran.
Piroojektoonni eebbifamanis Manneen jireenyaa, mana barnootaafi giddugala gabaa yoo ta’an, hirmaannaa hawaasaa, abbootii qabeenyaafi deeggarsa mootummaan kan ijaaraman ta’uun ibsameera.
Kana malees Obbo Awwaluu Abdiifi hoggantoonni magaalichaafi naannoo biroon magaalichatti biqiltuu Ashaaraa Magariisaa dhaabaniiru.
Guutaa Owwaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.