Fana: At a Speed of Life!

Magaalaa Shaggaritti daldala seeraan alaa irratti tarkaanfiin fudhatamaa jira – Waajjiricha

Finfinnee, Onkoloolessa 24, 2018(FMC) – Magaalaa Shaggaritti daldaltoota seeraan ala gatii dabalanii fi warreen osoo eeyyama hinqabaatin seeraan ala daldalan irratti tarkaanfii bulchiinsaa fi seeraa fudhachaan jira jedhe Waajjirri Daldalaa Magaalichaa.

Itti gaafatamaan Waajjirichaa Obbo Bariisoo Tamasgeen Faanaa Dijiitaaliif yaada kennaniin akka magaalichaatti gosonni daldala seeraan alaa garaagaraa raawwatamaa jiraachuu ibsaniiru.

Kanneen keessaas eeyyama qabaatanii gatii dabalanii gurguruu, meeshaa yeroon irra darbe dhiyeessuu, kan eeyyamni ittiin ba’een alatti waan biraa daldaluu, bakka kennameef dhiisanii dirree irratti eeyyama malee hojjechuu, utuu eeyyama hinqabaatin hojjechuu fi daandii cufanii hojjechuu fa’a akka ta’an himan.

Rakkoon daldala seeraan alaa kun galii mootummaa fi daldaltoota seera qabeeyyii irratti dhiibbaa fiduu irra darbee hawaasa bitatee bulus rakkoof waan saaxiluuf kana to’achuuf seekteroota dhimmichi ilaallatu irraa koreen ijaaramee qindoominaan hojjetamaa akka jiru dubbatan.

kurmaana 1ffaa bara kanaa keessa daldaltoota seeraan alaa bira ga’ame keessaa tarkaanfii bulchiinsaa fudhachuun %98.4 karaa seeraatti deebisuun kan danda’ame ta’uu fi kanneen hafan ammoo adeemsa seeraa irra jiraachuu dubbatan.

Kanaanis jijjiiramoonni qabatamaan dhufuu kaasani, guutummaan guutuutti seera qabsiisuuf idileen itti deemamaa jiraachuu kaasan.

Kutaalee Magaalichaa rakkoon kun bal’inaan keessatti calaqqisu keessaa kutaa magaalaa Kooyyee Facceettis hojichi qindoominaan hojjetamaa jiraachuu Ittigaafatamtuun Waajjira Daldalaa Kutaa Magaalichaa Aadde Limaat Tasfaayee himaniiru.

Akka kutaa magaalichaatti kanneen eeyyama malee daandii irratti daldalan, kanneen eeyyamaa fi bakka hojii argatanii garuu daandii irratti seeraan ala daldalanii fi daldaltoonni seera qabeeyyii ta’anii warreen seera maleeyyii ofitti qabuun hojii seeraan alaa tumsan jiraachuu dubbatan.

Hojii to’annoo koreen hojjetamaa jiruunis tarkaanfii bulchiinsaa fudhatameen alatti dhimmi daldalatoota ja’aa seeraatti dhiyaatee adeemsa irra jiraachuu kaasaniiru.

Hojiin to’annoo daldala seeraan alaa kun akka milkaa’uuf tumsa hawaasaa waan barbaaduuf, hawaasni yeroo bitatu warreen gatii seeraan ala dabalan qaamolee seeraaf eeruu akka kennu, kanneen seera qabeeyyii irraa akka bitatuu fi tumsa irraa eegamu hundaan hojicha cina akka dhaabatus hoggantoonni kunniin dhaamaniiru.

Yoonaataan Biraanuutiin.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.