Magaalaa Shaggaritti kenni tajaajila iddoo tokkoo socho’aan manaa manatti eegale
Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Magaalaa Shaggaritti Giddugalli tajaajila Iddoo Tokkoo Masoob 1ffaan kenna tajaajila socho’aa manaa manatti kennuu eegaleera.
Kenni tajaajila socho’aa manaa manattii kun har’a Magaalaa Shaggar kutaa Magaalaa Kooyyee Facceetti eegaleera.
Tajaajilichi dhaqqabamummaa tajaajilaa cimsuun bu’a-qabeessummaafi itti quufinsa lammiilee guddisuu akkasumas tajaajiloota kennaman ammayyeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhan Kantibaan Magaalaa Shaggar Dooktar Tashoomaa Addunyaan.
Kaayyoon kenna tajaajila socho’aa manaa manatti taasifamu kunis tajaajila dhaqqabamaa, si’ataafi bu’a-qabeessummaa dinagdee cimsuu danda’u milkeessuun dorgomtummaa Magaalaa Shaggar guddisuuf ta’uu ibsaniiru.
Sadarkaa itti Aanaa Kantiibaatti qindeessaa kilaastera Bulchiinsaafi tajaajilaa obbo Gugsaa Dajaneen gama isaaniin tarkaanfii Mootummaan kenna tajaajilaa haqa-qabeessaafi si’ataa taasisuuf hojjechaa jiru galmaan gahuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu dubbatan.
Tajaajila socho’aa kanaanis itti dhiheenyaan hawaasa tajaajiluun rakkoowwan kenna tajaajilaa furuuf itti fufinsaan hojjetamaa kan jiru ta’uu eeran.
Hawaasnis tajaajiloota kennaman irraa fayyadamaa ta’uuf tumsa barbaachisu taasisuu akka qabanis dhaamaniiru.
Giddugala kenna tajaajila Iddoo tokkoo Masoob kutaalee magaalichaa hundatti hojiirra oolchuuf hojjetamaa jiras jedhan.
Magaalaa Shaggaritti Giddugalli tajaajila Iddoo tokkoo 1ffaan tajaajilootni seektaroolee 32 gosoota tajaajilaa 159 foddaawwan Giddugalli tajaajila Iddoo tokkoo 12 keessatti gurmaa’uun lammiilee kuma 32 ol ta’aniif tajaajila si’ataa, ammayyaa’aafi dhaqqabamaa ta’e kennuu Itti aanaan waajjira Kominikeeshinii Bulchiinsa Magaalaa Shaggar obbo Eeliyaas Sharafuun Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Kanaanis itti quufinsa maamiltootaa % 98.7tti ol guddisuun danda’amuu himan obbo Eeliyaas.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.