Magaalaan Bishooftuu giddugala Tuurizimii Afrikaa akka taatuuf hojjetamaa jira – Magaalicha
Finfinnee, Caamsaa 7, 2017 (FMC) – Magaalaan Bishooftuu sadarkaa biyyaa fi Afrikaatti giddugala tuurizimii akka taatuuf mul’ata qabame dhugoomsuuf pirojeektiiwwan garaagaraa karoorfamanii hojjetamaa jiraachuu komiishiniin tuurizimii Magaalichaa obbo Dajanee Bajiroo ibsan.
Qabeenyi tuurizimii uumamaa, kan aadaa, kan namtolchee fi kan magaalaa isheen qabdu magaalaa naga qabeettii giddugala tuurizimii taatee akka filatamtuuf kan gargaaran ta’uus dubbataniiru.
Haroowwan uumamaa torbanii fi tulluuwwan ta’iiwwan adda addaa keessummeessan kanneen akka Cuqqaalaa fi Erer qabeenya uumamaa kanneen keessaa akka fakkeenyaatti kan eeramanii dha jedhan.
Wiirtuun haroowwan uumamaa torbaa, faayyeffamtuun tulluuwan , magaalaan Bishooftuu, carraawwan uumamaan qabdu kanaan cinattis konfiransiiwwanii fi ta’iiwwan aadaa bakka itti geggeeffaman ta’uun ishees gama kanaan xiyyeeffannaa akka argattuuf gargaareera.
Irreechi Harsadee, Galmi Gadaa Tuulamaa, Odaan Nabee magaalattiitti argaman qabeenyawwan aadaa tuurizimii hawwatan keesaa isaan ijoo dha.
Riizortiiwwanii fi hoteelonni idil addunyaa ijaaramanii fi ijaaramaa jiran guddina tuurizimii magaalattiif qooda guddaa bahaa jiru.
Mul’ata akka waliigalaatti qabame sadarkaa olaanaan dhugoomsuufis wiirtuu agarsiisa xiyyaaraa akka taatuuf hojjetamaa kan jiru yoo ta’u dirreen xiyyaaraa haaraan naannoo magaalattiitti hojjetamuuf jirus kanaaf agarsiistuu dha jedhaniiru.
Misoomni koriidaraii magaalattii hojjetamaa jirus hawwattumaa gama tuurizimiin qabdu caalamaatti guddisuuf kan gargaare ta’uu obbo Dajaneen ibsaniiru.
Tumsi abbootiin qabeenyaa dhuunfaa fi uummata magaalattiis adeemsa mul’ata kana dhugoomsuuf deemamaa jiru keessatti qooda guddaa ba’aa akka jiru obbo Dajaneen itti dabaluun hubachiisaniiru.
Yoonaataan Biraanuutiin.