Fana: At a Speed of Life!

Magaalaan Gadaa…

Finfinnee, Amajjii 7, 2018(FMC) – Magaalaan Gadaa yaadama diriirsa bu’uuraalee misoomaa qindaa’aa hordofa.

Jalqabuma irraa mijatina misooma iddoo tokkootiif qabu (agglomeration) akka hawwata invastimantii tokkootti qabata.
Magaalichi walumaagalatti daandii km 900 ijaaruuf karoorsee hojiitti galeera.
Gadaan daandii saffisaa km 88 qabuufi magaalicha Buufata Xayyaaraa Idil-addunyaa Bishoftutiin walqunnamsiisuuf karoorsera.
Dandii guddaa baldhina m. 40-60 qabu km 176 dheeratu; daandii giddugaleessaa baldhina m. 30 qabu km 227dheertau; daandii qe’ee km 13.2; daandii imaltuu km 54 abuurera.

Akkasumas, sarara baaburaa km 13.2 fi sarara saayikilii km 44.26 ijaarsuuf karoorsera.

Dabalataanis, terminaalota sosochii konkolaataa 16, humna anniisaa MW 3000, ‘network”fi dhiyeessii bishaanii hojjechuuf karoorsera.

Yeroo ammaas daandiiwwan aspaaltii qindaa’a fi keessa keessaa, bishaan dhugaatii sekondiin litira 740 dhangala’u, buufanni anniisaa abbaa MW 200, akkasumas buufataaleen gabaa konkolaataa lafa heektaara 4 irra qubatan misoomanii tajaajilaaf qophii ta’aniiru.

Gama birootiin, buufata gabaa bilisaa, mankuusa lafa heektaara 2.6 irra qubatee fi gamoo bulchiinsaa ijaaraa kan jiru yoo ta’u, bara bajataa kana xumuruun tajaajilaaf banaa ni taasisa.

Walumaagalatti, bu’uuraaleen misoomaa zoonicha sadarkaa idil-adunyaatti dorgomaa taasisan karoorfamanii misoomaa jiru.

Zoonichi yeroo kanatti invastaroota idil-addunyaa fi biyya keessaa humna olaanaa qaban 39 simachuun hojii keessa galchee jiraachuu odeeffannoon Waajjira Paartii Badhaadhinaa Damee Oromiyaa irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.