Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti gaaffilee bu’uuraalee misoomaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 14, 2018 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Shaggar gaaffilee bu’uuraalee misoomaa deebisuuf xiyyeeffannoon hojjechaan jira jedhe.

Pirojektoota daandiiwwan adda addaa hojjetamaa jiran bara baajataa kana keessa xumuruuf hojjetamaa jiraachuu Ittigaafatamaan Waajjira Daandiwwanii bulchiinsa magaalichaa Injinar Zalaalam Bojaan dubbataniiru.

Pirojektiin daandii boqonnaa jalqabaa Galaan Arrabsaa hanga Kutaa Magaalaa Kuraa Jiddaatti jiru isa tokko ta’uu eeruun, Piroojektichi Birrii biiliyoona 4.5 hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Dheerina Kiiloo Meetira 38.5 kan uwwisu daandiin kun boqonnaa sadiin kan hojjetamu ta’uu dubbatan.

Bulchiinsi magaalichaa Pirojektii Daandii kutaa Magaalaa Kooyyee Faccee – Inistiityuutii Teeknooloojii Shaggari – Yuunivarsiitii Saayinsii fi Teeknooloojii Finfinneetti Birrii miiliyoona 800 hojjetaa jiraachuus kaasaniiru.

Daandichi Kiiloo Meetira 1.4 kan dheeratu yoo ta’u meetira 40 bal’ata.

Daandii Asfaaltii fi Misooma Koriidarii kan of keessatti hammate ta’uus eeraniiru.

Pirojektoonni kana dura eegalamanis bara kana saffisaan akka xumuraman ni hojjetama jedhan.

Gaaffilee bu’uuraalee misoomaa ummatni kaasu deebisuuf xiyyeeffannoon addaan hojjetamaa jiraachuu ibsan.

Taarik Addunyaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.