Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti piroojektiiwwan hojjetamaa turan tajaajila hawaasaaf banaa ta’an

Finfinnee, Qaammee 1, 2017 (FMC) –Bulchiinsa magaalaa Adaamaatti piroojektiiwwan manneen waliin jireenyaa fi daandii aspaaltii Birrii biiliyoona 3 oliin hojjetamaa turan marsaa 2ffaaf eebbifamuun tajaajila hawaasaaf banaa ta’aniiru.

Akka magaalichaatti bu’uuraalee misoomaa hedduu hojjechuun rakkoowwan jiraattotaaf furmaata kennuu dandeenyee jirra jedhan Kantiibaan Magaalaa Adaamaa obbo Hayiluu Jaldeen

Piroojektoonni magaalichaatti guyyaa har’aa hawaasaaf banaa ta’anis, mana waliin jireenyaa  Andoodee Birrii  biiliyoona 2.9n ijaarameefi daandii aspaaltii kiloomeetira 2.9 Birrii Miiliyoona 600 oliin hojjetame ta’uus himaniiru.

Manneen waliin jireenyaa kunneen lafa heektaara 5 irratti kan ijaarame yoo ta’u, walii galatti abbaa warraa 810 jiraachisuu akka danda’u eeran.

Sadarkaa Itti Aanaa Pireezidaantiitti Qindeessan kilaastaraa magaalaa Oromiyaa obbo Masfin Malaakuun gama isaaniin, Piroojektiin hojjetamu rakkoofi gaaffii hawaasaa haalan kan hiikuudha jedhan.

Akka naannoo Oromiyaatti magaalota miidhagduu wiirtuu teeknoloojii ta’an ijaaruuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jira jedhan.

Faxxanaa Zawudee gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.