Fana: At a Speed of Life!

Magaalichaatti Piroojektoonni misoomaa garaagaraa 47 Birrii biiliyoona 1.2 oliin hojjetaman eebbifaman

Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) –Bulchiinsa Magaalaa Maayaatti Piroojektiiwwan misoomaa rakkoolee hawaasaa furuu danda’an Birrii biiliyoona 1.2 oliin hojjetaman bakka Af Yaa’iin Caffee Oromiyaa aadde Sa’aadaa Abduraamaan argamanitti eebbifaman.

Naannichatti Piroojektiiwwan misoomaa fayyadamummaa Uummata naannichaa mirkaneessan yeroo jedhame keessatti xumuramanii tajaajila Uummataaf banaa ta’aniiru.

Piroojektoota gaaffii Uummataa barootaaf ture deebisan ta’uu aadde Sa’aadaa Abduraamaan himaniiru.

Erga Magaalichi hundeeffamee Piroojektiiwwan fayyadamummaa Uummataa mirkaneessan hedduun Ariitii, Kalaqaa fi qulqullinaan hojjetamanii tajaajilaaf banaa ta’aa jiraachuu dubbatan Kantiibaan Bulchiinsa Magaalaa Maayaa Dooktar Ifraa Waziir.

Dabalataan Piroojektoonni eebbifaman kun imala jalqabaa guddina magaalaa Maayaa kan agarsiisanii fi Kutaalee hawaasaa hedduufis carraa hojii bal’aa kan uumanidha jedhan Dookter Ifraan.

Bulchiinsa Magaalaa Maayaatti Piroojektoonni misoomaa garaagaraa fayyadamummaa Hawaasa Magaalichaa Mirkeessaan 47 Birrii Biiliyoona 1.2 oliin hojjetamaa turan eebbifamaniiru.

Hinkoosaa Abdiisaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.