Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti Ayyaana Qillee sababeeffachuun meeshaaleen qonnaafi indaastirii gahaan jiru

Finfinnee, Mudde 27, 2018 (FMC) – Magaalaa Jimmaatti Ayyaana Qillee sababeeffachuun meeshaaleen qonnaafi indaastirii gabaawwan 12’tti dhiyaachaa jiru.

Shamattoonni Faanaa Miidiyaa Korporeeshin dubbise, gabaa ayyaanaa qophaa’een oomishaalee qonnaa fi indaastirii gatii madalawaan argachaa jirra jedhan.

Dhiheessiin gahaan jiraachuufi meeshaalee qulqullina qaban bitachaa jiraachuus dubbataniiru.

Fedhii shammattootaa guutuuf kutaalee magaalichaa keessatti gabaan Sanbataa kudha lama hunda’uu Itti gaafatamaan ‎Waajjira Daldalaa Magaalaa Jimmaa obbo Guutamaa Giddiin eeraniiru.

Shammattoonni dhiheenyatti meeshaalee ayyaanaa gahaa gatii madaalawaan akka argatan taasifamuu kaasanii, kunis qaala’insa gatii tasgabbeessuu keessatti gahee olaanaa qaba jedhaniiru.

‎Daballiin gatii hin mallee akka hin taasifamneef koreen hundaa’uun hojiin hordoffiifi to’annoo hojjetamaa jiraachuus ibsaniiru.

‎Tasfaahuun kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.