Magaalichatti barattoonni qormaata kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa fudhatan % 95 kutaa itti aanuutti darban
Finfinnee, Waxabajjii 25, 2017 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti barattoota qormaata kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa bara 2017 fudhatan keessaa % 95 kutaa itti aanuutti darban jedhe Biiroon Barnootaa magaalichaa.
Biirichi bu’aa qabxii qormaata kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa har’a ifoomseera.
Barattoota qormaaticha qoraman kuma 79 fi 340 keessaa kumni 75 fi 850 qabxii darbiinsaa argachuu Hogganaan Biiroo Barnootaa Magaalaa Finfinnee Dooktar Zalaalam Mulaatuun himaniiru.
Qormaanni kutaa 6ffaa sadarkaa magaalaa kan magaalaa Finfinnee bara kanaa Waxabajjii 10 -12, 2017 kennamuun kan yaadatamuudha.
Barattoonni sa’aatii kanaa eegalanii bu’aa qabxii isaanii ilaallachuu kan danda’an ta’uutu ibsame.
Kibrawasan Nuuruutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.