Magaalichatti dargaggoonni kumni 400 fi kumni 80 ol waraqaa ragaa leenjii Itiyoo- kooders fudhatan
Finfinnee, Amajjii 25, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti dargaggoonni kumni 400 fi kumni 80 ol waraqaa ragaa leenjii Itiyoo- kooders fudhataniiru jedhe Biiroon Innooveeshiniifi Teeknooloojii magaalichaa.
Hogganaan biirichaa obbo Awwalee Mahaammad Faanaa Diijitaaliif akka ibsanitti, leenjiin Itiyoo-Kooders ogummaa diijitaalaa dargaggootaa guddisuun sadarkaa idil-addunyaatti dorgomtummaa isaanii guddisa.
Magaalichatti sagantaan leenjii Itiyoo-Kooders miiliyoona 5 akkaataa karoorfameen raawwatamaa jiraachuus eeraniiru.
Inisheetiivii kanaan yeroo ammaa magaalichatti dargaggoonni kumni 700 fi kumni 30 ol leenjicha fudhachaa akka jiran ibsaniiru.
Kanneen keessaa dargaggoonni kumni 400 fi kumni 80 ol leenjii xumuruun waraqaa ragaa fudhachuu obbo Awwalee Mahaammad dubbataniiru.
Bara baajataa kanatti dargaggoonni kumni 800 fi kumni 9 ol leenjicha fudhachuun waraqaa ragaa akka fudhataniif xiyyeeffannoon hojjetamaa jiras jedhan.
Dargaggoonni diinagdee diijitaalaa Itiyoophiyaa saffisiisuu kan danda’u leenjii Itiyoo-Kooders akka fudhatan waamicha dhiyeessaniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.