Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti dargaggoonni leenjii Pirojektii Biqaat marsaa 3ffaa leenji’aa turan eebbifaman

Finfinnee, Mudde 11, 2018 (FMC) –Magaalaa Jimmaatti sagantaan eebba Pirojektii Biqaat marsaa 3ffaa gaggeeffame.

Dargaggoonni guyyaa har’aa eebbifaman dhaabbilee garaagaraa keessatti leenjii baatiwwaan 6’f leenji’aa kan turaniidha.

Magaalaa Jimmaatti qofa bara kana dargaggoonni 550 ol fayyadamoo sagantichaa ta’uu  Ittigaafatamaan Waajjira Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Magaalaa Jimmaa Obbo Hayidar Abbaa-Maccaa ibsaniiru.

Itti Aanaa hogganaan Biiroo Carraa Hojii Uumuu fi Ogummaa Oromiyaa Obbo Waasihuun Golgaa akka ibsanitti, sagantaan Biqaat magaalota Adaamaa, Shaashamannee fi Jimmaa keessatti waggoota sadan darban marsaa sadiin hojiirra oolaa ture dargaggoota kuma 8 ol fayyadamoo taasisuu eeran.

Huseen Kadiritu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.