Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti gammoowwan iddoo oomishaafi gurgurtaa namoota sagantaa seeftiineetiin hammatamanii turaniif dabarfaman

Finfinnee, Mudde 4, 2018 (FMC)- Magaalaa Finfinneetti gammoowwan iddoo oomishaafi gurgurtaa namoota sagantaa seeftiineetiin hammatamanii turaniif dabarfamaniiru.

Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adanech Abeebeen ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarsanii, Pirojektoota galmoota zeeroo magaalaa keenyatti hojjetama jiran keessaa tokko gargaaramtummaafi kadhaa zeeroo gochuudha jedhan.

Guyyaa har’aas Kutaalee magaalaa Addis Katamaa, Aqaaqii Qaallittii, Ekkeefi Qiirqoositti gammoowwan iddoo oomishaafi gurgurtaa abbaa darbii afurii, 4 namoota Kanaan dura sagantaa seeftiineetiin hammatamanii turaniif dabarfamanii kennamuu ibsaniiru.

Fayyadamtoonni sagantichaa sochoostota 976 ta’uu kaasanii, intarpiraayizoota 292’tti akka gurmaa’an taasifamuu eeraniiru.

Bulchiinsi magaalichaa carraa hojii uumuu, dhiyeessii iddoo oomishaafi gurgurtaa, jireenya lammiilee hiyyummaa cimaa keessa jiranii jijjiiruufi hiyyummaa keessaa baasuuf hojjechaa jiraachuu ibsaniiru.

Bulchiinsi magaalichaa waggoottan jijjiiramaa darbanitti fayyadamtoota sagantaa wabii nyaataa kuma 500 fi kuma 20 oliif dameewwan garaagaraa keessatti carraa hojii uumuun gargaaramtummaarraa gara oomishtummaatti ceesisuu yaadachiisaniiru.

Fayyadamtoonni carraa hojii uumameefitti haalaan fayyadamuun gargaaramtummaarra gara oomishtummaatti ce’uun yeroo gabaabaa keessatti bu’aa qabeeyyii waan ta’aniif hedduu akka gammadanis Aadde Adaanech ibsaniiru.

Iddoon hojii har’a isiniif kennine boru obboloonniifi ijoolleen keessan fudhatanii kan itti hojjetan ta’uu hubattanii itti gaafatamummaan itti fayyadamuu qabdus jedhan.

Yeroo itti aanutti ogummaa leenjiin argatan hojiirra oolchuun bu’a qabeeyyii akka ta’aniifi warreen kaanis daandii isaanii akka hordofan gochuu akka qaban dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.