Magaalichatti gamoowwan bulchiinsaa aanaalee ijaaramaa turan hojii eegalan
Finfinnee, Mudde 2, 2018 (FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen guyyaa har’aa gamoowwan bulchiinsaa aanaalee abbaa darbii 10 sadii gara hojiitti galchine jedhan.
Magaalichatti hojiilee kenniinsa tajaajila mootummaa fooyyessuuf hojjetamaa jiran keessaa tokko iddoowwan kenniinsa tajaajilaa aanaalee ammayyeessuu, humna namaan gurmeessuu, teeknooloojiin deeggaruufi iddoo hojii mijataa uumuu ta’uu eeraniiru.
Gamoowwan bulchiinsaa kunneen tajaajiloota gara giddugala tokkootti fiduun qabeenyiifi yeroon maamilaa akka hin qisaasofne gochuun, dhamaatii hir’isuu fi tajaajila si’ataa kennuu kan dandeesisan ta’uus ibsaniiru.
Gamoowwan kunneen iddoo dhaabbii konkolaataa ammayyaa’aa, iddoo tursiisaafi daa’imman itti taphatan, mooraa qulqulluufi magariisa kan qaban ta’uu kaasaniiru.
Dabalataanis liiftiiwwan qaama miidhamtootaafi maanguddoota giddugaleessa godhatan kan qaban ta’uu eeraniiru.
Gamoowwan kunneen aanaalee Kutaa Magaalaa Lidataafi Nifaas Silk Laaftootti hojii eegaluu kaasanii, qaama hojii magaalicha Ismaarti gochuuf eegalamee ta’uus ibsaniiru.
Yeroo itti aanu hojiileen aanaalee biroo keessatti cimee itti fufa jedhaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.