Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti guddina Daa’immaniif xiyyeeffannoon kennamee hojjetamaa jira – Kaantibaa Adaanech Abeebee

Finfinnee Waxabajjii 11, 2017 (FMC) – Bulchiinsi Magaalaa Finfinnee guddina hundagaleessa daa’immaniif xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa jira jedhan Kantiibaan magaalichaa aadde Adaanech Abeebeen.

Konfiraansiin kunuunsaa fi eegumsa daa’immaan Afrikaa Galma Walga’ii Gamtaa Afrikaatti gaggeeffameera.

Konfiraansichi mata duree ‘Afrikaatti guddina daa’immaanii qulqulina qabuu fi hammataa ta’e mirkaneessuuf tumsa waloo haa cimsinu’ jedhuun taa’amaa jiraachuu aadde Adaanech Abeebeen ibsaniiru.

Magaalaan Finfinnee sagantaa ijoollummaa duraan guddina sammuu, qaamaa, xinsammuu fi daa’imman guddina guutuu ta’e akka goonfatan hojiin qindoominaan hojjetame Konfiraansichi Finfinneetti akka gaggeeffamu sababa ta’uu eeran.

Aadde Adaanech hojiilee hanga ammaatti bulchiinsa magaalichaatti hojjetaman ilaalchisee muxannoo jiru qoodaniiru.

Jireenya daa’imman Afrikaa gara fuulduraa fooyya’aa taasisuuf hojii hiikkaa qabu hojjechuun murteessaa ta’uu kaasan.

Daa’immaan guddisuun qaama nama dhuunfaa qofa osoo hin taane dirqama waloo ta’uu eeran aadde Adaanech Abeebeen.

Daa’imman sadarkaa ijoollummaatti eegumsaa fi kunuunsa barbaachisu akka argatan hojjechuun murteessaadha jedhan

Malaakuu Gaddifiin

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.