Magaalichatti hojiileen misoomaa uummata hirmaachisuun hojjetaman bu’aa argamsiisaniiru- Kantiibaa Adaanech Abeebee
Finfinnee, Onkololeessa 29, 2018(FMC)- Kantiibaan Magaalaa Finfinnee aadde Adaanech Abeebeen magalichatti hojiileen misoomaa uummata hirmaachisuun hojjetaman bu’aa argamsiisaniiru jedhan.
Hoggantoonni Olaanoon Paartii Badhaadhinaa magaalaa Finfinneetti hojiilee misoomaa garaagaraa daawwachaa jiru.
Aadde Adaanech wayita kana magaalichatti hojiileen misoomaa uummata hirmaachisuun hojjetaman bu’aa argamsiisuu eeraniiru.
Misoomaafi dhiyeessii manneenii irratti damee dhuunfaa hirmaachisuun hojiileen hojjetaman dhiyeessii manaa guddisuu kaasaniiru.
Hojiilee hojjetamaniin namoonni harka qalleeyyii hedduun mana argachuufi sagantaa nyaata barattootaanis bu’aan argamuu ibsaniiru.
Magaalichatti dirreewwan ispoortii daa’immaniifi dargaggoota giddugala godhatan ijaaramuun tajaajilaaf banamuu yaadachiisuun, qajeeltoo kalaquufi ariitii hordofuun hojjetamaa akka jiru ibsuusaanii TOI gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.