Magaalichatti konkolaattonni tajaajila geejjiba uummataa kennan gara sirna kaffaltii diijitaalaatti galuufi
Finfinnee, Hagayya 10, 2017( FMC)- Magaalaa Finfinneetti konkolaattonni tajaajila geejjiba uummataa kennan gara sirna kaffaltii diijitaalaatti galuufi jedhe Biiroon Geejjibaa magaalichaa.
Akka Hogganaan Damee Oppireeshinii Biirichaa Daanyaachaw Shifarraa jedhanitti, damee geejjibaa ammayyeessuuf hojimaatileen diijitaalaa garaagaraa eegalamaniiru.
Biirichi hojii sirna geejjibaa teeknooloojiin ammayyeessuu Amutoobisoota magaalaafi Veeloosiitii irratti eegaluu kaasanii, dhaabbileen kunneen filmaatawwan diijitaalaa garaagaraan tajaajila kennaa jiraachuu ibsaniiru.
Bara 2018 irraa eegalee awutoobisoota magaalaa tajaajila geejjiba uummataa kennan dabalatee konkolaattonni hedduun gara kafaltii diijitaalaatti akka seenan dubbachuu isaanii Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.