Fana: At a Speed of Life!

Magaalichatti meeshaaleen bu’uuraa karaa Waldaalee Hojii Gamtaan dhiyaachaa jiru

Finfinnee, Onkololeessa 24, 2018 (FMC) – Magaalaa Finfinneetti meeshaaleen bu’uuraa karaa waldaalee Hojii Gamtaa 154’n gatii madaalawaan dhiyaachaa jira jedhe Komishiniin Waldaalee Hojii Gamtaa Magaalichaa

Komishinarri Itti aanaa Komishinichaa Habtayas Diroo Faanaa Miidiyaa Koorporeeshiniif akka jedhanitti, waldaaleen kunneen karaa gabaa Sanbataa, Suuqiiwwan Shamattootaa akkasumas bakkeewwan bashannanaa ummataatti oomishaalee dhiyeessuun hojiin gabaa tasgabeessuu hojjetamaa jira.

Qaala’iinsa jireenyaa hir’isuu fi gabaa tasgabeessuuf gurguraa fi shamattoota wal qunnamsiisuun hojiin bu’aa qabeessi hojjetameera jedhan.

Oomishaaleen dhiyaatan gatii madaalawaa fi fedhii jiraattootaa kan giddugaleeffatan ta’uu ibsuun, keessattuu oomishaalee qonnaa dhiyeessuuf federaalaarraa hanga dhaabbilee sadarkaan jiranitti qindoominaan hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Bakkeewwan seeran ala namoonni itti fayyadamaa turan kuma 2 fi 885 keessa kuma 1fi 250 gad lakkisisuun shamattoonni akka itti hojjetan taasifamaniiru jedhan.

Yashambal Mihiratitu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.